Ethiopia video sharing site
Welcome
Login / Register

Who are you ( ati enyuu)?

Ati enyuu?

Gaffii kana yoo isin gafadhuu Maqaan kiyyaa abalu abalu … Jedhama akka nan jetani.utuu hin tanee ati enyuu? Yeroo bayee kessatu nuti dhalatoni biyyota guddata jirani ufi utu hin tane kan tanuu , Hawwasuma fi namotini birra kan nuu irra barbadani tana. Fakkenyafi 
1. Ati warra abalu abalutti , kuni sirra hin egamu ykn Ati nama akkana ykn Maati akkana irra sila dhuftef , daldala itti hin bektu , barumsa hin dandetu , namani wali hin galtu , namati arta, fi qarshi kee qabatee hin dandetu ,kuni yeroo namoni biraa , hawassa nuti kessa dhufne irratti hunda’ani enyuma kena yeroo hubani dha.

2. Lakki kuni DNA irra dhufee ati wanta gurachaa tateef sporti male wanta biroo hin dandetu , ati africa wanta tatefi figicha male , kubba milla hin dandetu , kuni ammo namoni jini matii kenaa irra fudhanen enyuma kena nuti himuf yalani

3. Isaan kuwani ammo nannoo kenyaa irratti hunda’udhani enyumaa kenyaa nuuti himu yaluu , ati wantaa qabenyaa bayee hin qabneef ykn motumman gariin biyya kessan wanta hin jireefi watota kanin rawwachuu hin dandetuu nuun jedhani ,
Garuu dhugama ati enyuu? Enyuu ofin jetaa moo wantuma namoni birro siti himani fudhate demtaa.Namni tokko gutuman gututi hawassa walin jirachuuf seraa hawassuma kessa jiraan egachuun irra jiratule dhugama enyuma isaa dabarsee kenu hin qabuu. 
Nama kamiyuu ta’i ati sammuni kanke nuronota billiona dhibba tokko olin ijjaramera , wanta fete dalaguuf , ta’uu barbaduu hunda ta’uu hin dandetaa. Namota gadi si qabanif enyuma kee si xiqqesani hin dhaganyin , Enyuman kee kan kallessale jirenyaa kee kan adha kessati gahe hin qabatin , Enyuman kanke kan kallessa suni enyuma kanke kan adha tahu hin dada’uu. Dhuma irrati qabxile kana hin dagatin
a) Gatii kee isaa dhugaa beki wanta xiqqofi nagahe hin jedhin , sababin isaa gatin keefi wanti ati ta’u dandetu achii oli wanta tahefi

b) Namota Gadi si qabu yalanif siruma harka hin kenatin (NEVER).sabin isaale namotini wanta isani yalani hin benee , wanta tahef , fayya isaani hin kenuu

c) Offit Amani , Yeroo namni hundinu gadi siqabuti ofiti amanamuma yoo hin qabane , galama gahuun hin ulfata

d) Gotumma qabadhu ( hin sodatin) Galma gahuuf , wanta warri galma hin gene , hin dalagne dalagu qabda , kitaba qulqullu kessatu “sodatun Jenata hin sentu jedha”.

e)Yaali kanke addan hin kutin wantaa barbadee sanii hagaa argatuti . Yaalin yoo fashalahes , barumsa si barbachisu barateta kanafi irra debi yali.
Mee maal hubate? Maalis barate? Ato enyuu?
Feyisa Berisa


Post your comment

Comments

Be the first to comment

Related Articles

  • Jalalan Jirachuu
    Jalalan Jirachuu
    Nama jalanu tokko mishaa isa malee bada isaa irratti xiyyefachuu dhabuu. Yeroo tokko sena abba mana fi hadha mana tokko dh...
  • Kennaa fi dandetii
    Kennaa fi dandetii
    Kennaa fi dandetii nuuf kename hala akkamitin gutuman Gututti itti fayyadamu dandena. Kenna waqayyo nuuf kennenis akkamiti...
RSS